Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amnistii Internaashinal Uggurri Meeshaa Sudaan Kibbaa Irraa Akka Ka'u Gaafate


Gareen mirga dhala-namaaf falmu, Amnistii Internaashinaal, Tokkummaan Mootummootaa uggura meeshaa waraanaa Sudaan Kibbaa irra kaa’ee ture akka haaressu gaafatee jira.

Sudaan Kibbaa keessatti dhukkaasa-dhaabinsi tolfamee fi baatii Guraandhalaa keessa mootummaan walitti-dhufeenyaa hundeessameyyuu, bara kana hookkarri, cunqursaa fi yakkawwan waraanaa namoota hidhannoo hin qabne irratti geggeessamu harka afuriin dabale jedha, Amnistii Internaashinaal.

Golli Naga-eegumsaa, ka Tokkummaa Mootummootaa yeroo duraatiif, Caamsaa bara 2018 uggura meeshaa waraanaa Sudaan Kibbaa irra ka’ee, waggaa tokko booda immoo haaresse. Caamsaa, bara 2020s irra-deebi’e haaresse.

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG