Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Miseensoota Mormitootaa Caasaa Mootummaatti Galchaa Jirti


Faayilii - Mummicha ministeera Sudaan Abdallaa Haamdook

Mummichi ministeera Sudaan Abdallaa Haamdook lakkoobsa miseensoota kaawunsilii abbaa buyyummaaf hundeeffameetti dabaluuf jiru.Lakkoofsii miseensootaa kan 20 ture gara 26tti guddata jedhamee jira.

Kunis miseensoota garee Adda Warraaqsaa Sudaan jedhaman warra wal taatoota riphxee looltootaa kanneen mootummaa waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessan sana itti dabaluuf yaadameetu.

Robii darbee magaala Kaartuum keessatti walgahii gaggeeffameen baatilee ce'umsaa hafan kan 39 sana Hamdok mummicha ministeeraa ta'uun akka itti fufaniif walii galameera.

Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG