Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen IS Kan Naayijeeriyaa Keessaa Hojjetaa Gargaarsaa fi Angawoota Naannoo Ukkaamsee Butuun Gabaasame 


Hojjetaan gargaarsa namoomaa fi angawoonni naannoo lama Naayijeeriyaa kaaba gama bahaa kessatti kanneen argaman loltoota garee Isaamummaan iggitamuu isaanii angawoonni nageenyaa lama kaleessa ibsanii jiran.

Roobii darbe kutaa Boornoo ganda Waakiltii-tti kan argamu keellaa sakatta’aa irratti garee ripxe loltootaan ukkaamsamanii butamuu isaanii maddeen AFPf ibsaniiru..

Kanneen iggitaman kun angawoota naannoo lamaa fi hojjetaa gargaarsaa tokko ta’uu malee dhaaba kamiif akka hojjetu hin ta’in ibsameera. Angawoonni lamaan xumura torbanii filannoon naannoo bakka itti geggeessame magaalaa Mobaar irraa gara magaalaa guddoo naannoo sanaa Mayiduguriitti deebi’aa kan turan ta’uu maddeen ibsanii jiru.

Erga bara 2009 Bokoo Haraam hookkara jalqabee as filannoon kutaa Boornoo kun isa jalqabaa ti. Erga sanaa qabee namoonni 36,000 ta’an yoo du’an kanneen milyoona 2 ol ta’an immoo qe’ee isaanii dhiisanii baqataniiru.

XS
SM
MD
LG