Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ennaa Duula Filannoo Gaanaa COVID-19 Tamsa’uu Mala Sodaa Jedhu Uume   


Gaanaan deebii duua COVID-19tti duuluu geggeessiteen lakkoobsi namoota du’anii 323 qofaa ta’uu isaaf galateeffamtee jirti. Haa ta’u malee ogeessonni eegumsa fayyaa torbanneen dhuftu keessa geggeessamuuf kan jiru ennaa duula filannoo vaayiresichi tamsa’uu mala yaaddoo jedhu qabaachuu isaanii beeksisan.

Tajaajilli eegumsa fayyaa Gaanaa dhiyeenya akka tilmaametti dhibba irraa harka 80 kan ta’an lammiiwwan Gaanaa maaskii kaayyachaa hin jiran, kunis kan kana duraa irraa akkaan gad bu’e jedhee jira.

Baatii darbe prezidaant Nanaa Akuufoo-Addoo lammiiwwan Gaanaa ennaa duula filannoo Muddee 7 maaskii akka kaayyatan waamicha dabarsaniiru.

XS
SM
MD
LG