Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkuba Koviid-19 fi Afrikaa Kibbaa


Afrikaa Kibbaa keessatti weerarrii dhukkuba Koviid-19 irra deebi'ee hammaachuuf jira yaaddoon jedhuun biyyattiin qabamtee yeroo jirtu kanatti prezidaantiin biyyatti magaalaalee biyyatti gurguddoo ta'an keessatti ugguura haaraa labsanii jiru.

Biyyoota Afrikaa keessaa vaayrasii kanaan akkaan kan miidhamtee Afrikaan kibbaa ta'u kan ibsan prezidaant Raamaafosaan barana haala hamaa keessa jirra jechuun Kamiisa kaleessaa galgala haasawaa dhageesisaniin ibsan.

Garu amma biyyattiin yeroo boqonnaa baatii tokko turu kana keessatti of-dagachuuf yeroon amma miti jechuun akeekkachiisan.

Ofii keenyaafis ta'e namoota kanneen biroof hin eeggannu taanaan nama hedduutu qabamuu fi du'u danda'aa jechuun akeekkachiisan.

XS
SM
MD
LG