Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Talaallii Vaayiresii Koronaa Raabsuu Jalqabde  


Meeshaa akkaan qabbanaa’aa ta’e keessa kaa’amuu dhaan kan haaraa eeyama argate talaalliin vaayiresii koronaa kampanii dawaa Faayizer kan Kalamazoo Mishigaan keessaa irraa dilbata kaleessaa waaltaalee kutaa Yunaayitid Isteetis guutummaaf raabsamuuf ergamee jira.

Komiishinerri bulchiinsa nyaataa fi dawaa Ameerikaa Stefen Hahan CNNf isa kennaniin talaalliin vaayiresii lubbuu galaafatu kan COVID-19f talaaliin qophaa’e kibxata har’aa jalqaba jennee abdanna jedhan. Kampanii dawaa Faayizerii irraa har’a konkolaataawwan talaaliiwwan kana fe’atan talaallii qaaruruaa 184,000 fe’atan.

Tamsa’inni vaayiresii kanaa Ameerikaa keessatti hammaatee ennaa jiru kanatti hojjettoonni eegumsa fayyaa fi maanguddoonni kanneen keellaa kunuunsa eegumsa fayyaa keessa jiran talaallii marsaa duraa doosii miliyoona 2.9 fudhachuuf jiru.

Gama biraatiin prezidaant Doonaald Tramp hojjettoota White House dabalatee angawoonni mootummaa sadarkaa ol aanaa talaallii duraa argatu qajeelfama jedhu jijjiiranii jiran. Tramp dilbata keleessaa ganama ergaa tweeter ofii irratti maxxansaniin hojjettoonni White House barbaachisaa ta’ee yoo argame malee sagantaan kun jalqabamee gara boodaa talaallii akka fudhatan beeksisan.

Itti dabalanis ofii talaallii kana fudhachuuf akka hin jiraanne ibsanii, garuu immoo yeroo sirrii ta’etti fudhachuuf feda isaanii ta’uu ibsaniiru.

Yunaayitid Isteetis keessaa namoonni 300,000 ta’an vaayiresii kanaan yoo du’an kanneen miliyoona 16 ol immoo qabamuu Yuniversitiin Joons Hopkiins beeksisee jira

Xumura baatii Muddeetti lammiiwwan Ameeikaa miliyoona 20 taan tallaalii kana kan fudhatan ta’uu bulchiinsa nyaataa fi dawaa Ameerikaatti komiishinera kan ta’an Haan beeksisaniiru.

XS
SM
MD
LG