Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamaan Garee Al-Shabaab Himannaan Akka Irratti Dhiyaatuuf Gara Ameerikaatti Geessame 


Waajjira mana murtii ol aanaa Yunaaytid Isteets, Waashingitan, Diisii
Waajjira mana murtii ol aanaa Yunaaytid Isteets, Waashingitan, Diisii
Shakkamaan garee al shabaab haleellaa sanyii Fulbaana 11 Ameerikaa keessatti raawwachuuf shire jedhame, himannaan akka irratti dhiyaatuuf gara New York-tti fidamuu isaa ministriin haqaa roobii kaleessa beeksisee jira.

Lammiiin Keeniyaa Chooloo Abdii bakka Adoolessa bara 2019 to’annaa jala oole Filippiinsi irraa kibxata darbe gamanatti fidame. Angawoonni Filippinisis kibata darbe angawoota mootummaa Ameerikaatti dabarsanii kennan.

Abdullaah-n xayyaara daldalaa butuu dhaan biilsa Yunaayitid Isteetis keessaatti rukutuuf shire jechuun himatame. Akka hoogganoonni gameeyyiin al- Shabaab qajeelchanitti Abdullaah-n Filippiins keessatti leenjiee xayyaara balalisiisuu fudhate jedhameera.

lammiiwwan badii hin qabne galaafachuuf shirri xayyaara gargaaramuu kun shororkeessonni garee Islaamummaa biyya keenya irratti balaa geessisaa jiran nu yaadachiisa jechuu dhaan itti aanaa abbaa alangaa kan ta’an Joon Demeres beeksisaniiru.

Shororkeessonni kanneen Ameerikaa irratti haleellaa raawwachuu yaadan eessa iyyuu yoo jraatan ni argamu, nutis adda baasnee murtiitti dhiyeessina jedhan.

XS
SM
MD
LG