Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hariiroon Somaaliyaa Waliin Jiru Addaan Citus Keeniyaan Lammiiwwan Biyyattii Biyya Koo Jiran Hin Ari’u Jette 


Faayilii - Humnoota nagaha eegumsaa naannoo dangaa Somaaliyaa fi Keeniyaa
Faayilii - Humnoota nagaha eegumsaa naannoo dangaa Somaaliyaa fi Keeniyaa

Somaaliyaan torban kana hariroo dipilomaasummaa Keeniyaa waliin jiru addaan kutuu iseetti aansuu dhaan Keeniyaan diplomaatota Somaaliyaa biyya ofiitii kan hin baasnee fi bakka isaa biyya hollaa ishee waliin marii geggeessuu kan filattu ta’uu beeksiste.

Gama biraan prezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa kibxata darbe hariiroo prezidaantii Somaaliilaand Musee Bihii Abdii waliin jiru cimsuu irratti kan fuuleffatti daawwannaa guyyoota sadii keessummeessanii jiran. Keeniyaattaan kan dilbata darbe biyya isaanii seenan hoogganaa kutaa Somaliilaand biyya ofiitti affeeranii jiran.

Murtriin Somaaliyaa kun kan beeksisame Wixata galgal ministrii beeksisaa Osmaan Dubbee-n kan ibsame yoo ta’u Keeniyaan abbaa biyyummaa Somaaliyaa keessatti jiddu seeninisa wal irraa hin cinne raawwatte jedhameef deebii kennuuf akka ta’e VOAf ibsaniiru. Kana irratti oduu dhaa booda gabaasa qabna.

XS
SM
MD
LG