Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Sadarkaa Olaanaa Itiyoophiyaa fi Sudaan Giddutti Gaggeeffamuuf Jira: Angawaa Itiyoophiyaa


Sudan and Ethiopia
Sudan and Ethiopia

Kibxata darbe jechuun Muddee 15 bara 2020 daangaa Sudaanii fi Itiyoopiyaa irratti humnoota biyyoota lamaanii gidduutti walitti bu’iinsi uumamuu isaa dubbi himaan ministeera haajaa alaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti hojii seera eegsisuu gaggeeffamuuf waraana Itiyoophiyaa iddoo adda addaa irraa sossosuun waan tureef jecha carraa sanaan gargaaraman jedhu dubbii himaan ministeera haajaa alaa Itiyoophiyaa Dinaa Muftii.

Ibsii maqaa mummicha ministeera Sudaaniin ba'e tokko akka jedhutti garu, humnootiin nageenyaa kan Sudaan hojii biraaf bobba'anii deebi'aa ituu jiranii waraanni Itiyoophiyaa haleellaa irratti banee jedha.

Haala uumamee kana mootummaa Sudaaniif ibsinee waan jirruuf dhiyeenyatti mariin sadarkaa olaanaa gagggeeffamuuf akka jiru Ambaasaaddar Dinaa Muftii ibsanii jiru.

Mariin Sadarkaa Olaanaa Itiyoophiyaa fi Sudaan Giddutti Gaggeeffamuuf Jira: Angawaa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:01 0:00



Gabaasa Iskindir Freew caqasaa.

XS
SM
MD
LG