Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yakki Seera Sadarkaa Addunyaa Cabsan Tigraay Keessatti Raawwatamuu Gabaasi Isa Ga’uu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise 


Faayilii - Komiishinerii ol aantuu dhimma mirga namaa kan Tokkummaa mootummootaa  Michele Bachelet
Faayilii - Komiishinerii ol aantuu dhimma mirga namaa kan Tokkummaa mootummootaa  Michele Bachelet

Komiishinerittiin ol aantuun dhimma mirga namaa kan Tokkummaa mootummootaa Michele Bachelet, Itiyoopiyaa naannoo Tigraay keessatti namoota nagaa irratti dhiittaan mirga namaa raawwataa jiraachuu, kaanis yakka waraanaa ta’uu waan maluuf haalli siivilotaa hedduu yaaddessaa ta’uu akeekkachiisan.

Yakki Seera Sadarkaa Addunyaa Cabsan Tigraay Keessatti Raawwatamuu Gabaasi Isa Ga’uu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:42 0:00


Bakka hedduu quunnamtiin waan hin jiraanneef himannaalee kana qorachuu akkasumas Tigraay keessa kan jiru dararaan dhala namaa hagam akka ta’e addaan baasuun rakkisaa ta’ee jira. Haala jiru gamaaggamuu, siiviilotaaf eegumsa gohuu fi yakkamtoota yakka dalagan murtiitti dhiyeessuuf qorattoonni mirga namaa walaBaa naannoo sana dhorkaa tokko malee akka seenan tokkummaa mootummootaatti hooggantuun dhimma mirga namaa Michelle Bachelet gaafataniiru.

Dubbi himtuun komiishinerichaa Liz Throssel akka jedhanitti waajjirri dhimma mirga namaa seerri gargaarsa namoomaa kan sadaraa addunyaa fi miga namaa gareelee walitti bu’iinsa sana keessatti hirmaataniin cabuu isaa kan agarsiisan odeeffannoon hedduu argateera jedhan.

XS
SM
MD
LG