Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Mootummaan Waraansi Tigraay Xumurame Jechuun Ibse Garee IWEHAT Irraa Ambasadder Fisehaa Asgedom Ni Haalan 


Magaala Maqalee (Suuraa faayilii)
Magaala Maqalee (Suuraa faayilii)

Mootummaan Itiyoopiyaa waraansi Tigiraay keessatti geggeessamaa ture xumurameera edhus gama Tigraayii kan dhaga’amaa jiru garuu waraansi sun hin xumuramne itti fufee jira kan jedhu ta’uun ibsamee jira.

Kan Mootummaan Waraansi Tigraay Xumurame Jechuun Ibse Garee IWEHAT Irraa Ambasadder Fisehaa Asgedom Ni Haalan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:04 0:00

Ajajaan waraana walii galaa Biraanuu Juulaa IWEHAT waraanschi hin xumuramne kan jedhu ani hin duune jechuu dhumaaf jedhan. Akka deebi’ee hin kaanettis dhabamsiisameera jedhaniiru. Tigraay irraan dhufe, asittis bakka bu’ummaa seeraa kan mootummaa Tigraay qaba kan jedhan Ambasaddor Fisehaa Asgedoom kana ilaalchisuun VOAf deebii kennaniiru.

Ajajaan Waraanaa jedhaman kun al tokko addamsaa jirra, yeroo gabaabaa keessatti funyoo dhaan hiinee finna jedhu, waraansi xumurame jedhu. Paartii fi hoogganni isaanii immo Finfinnee keessatti wal ga’ii godhatanii namaa fi meeshaa hagas ga’u qabannee nama uummatatti agarsiisnu tokko illee hin arganne jedhanii dubbachuu isaanii madden keenya keessa jiran irraa hin arganna.

Ajajaa waraanaa kallattiin harkaa bade. Hoogganaa siyaasaa haa ta’an, loltuu naannoo tokkoo haa ta’en maalummaan isaanii hin beekamu jechuu dhaan Ambaasaadder Fissehaa Asgedoom VOA Afaan Tigree irraa Adaanech Fissehaayyeef ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG