Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ogeessii Kaameeraa Rooyters Kumarraa Gammachuu Finfinnee Keessatti Hidhamee Jira


Suuraa Kumarraa Gammachuu maatii irraa argame (Rooyters)
Suuraa Kumarraa Gammachuu maatii irraa argame (Rooyters)

Dhaabbata oduu Rooytersiif ogeessa kaameeraa kan ta'e Kumarraa Gammachuu Kamiisa darbee jechuun Muddee 24 bara 2020 Finfinnee keessatti hidhamuu maatiin isaa ibsanii jitu.

Maaliif akka hidhamee nutti hin himamnee kan jedhan maatiin Jimaata darbee bakka abukaatoo hin jirreetti yeroo gabaabaf mana murtii duratti dhiyeeffamee ture jedhu.

Dhuma irrattis hanga poolisiin ragaa walitti qabatutti jechuun torban lamaaf hidhaa keessa akka turu murteeffame jedhan.

Umriin isaa 38 kan ta'e Kumarraa Gammachuu ogeessa kaameeraa ta'uun Roytarsiif waggaa 10 hojjate.

XS
SM
MD
LG