Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baankiin Misooma Itiyoopiyaa Industriiwwan Xixinnoo Naannoo Somaaleef Liqii Kenne


Baankiin misoomaa naannoo Somalee baatilee itti aanan ja’an industriiwwan xixiqqoo fi giddu galeessaa ta’aniif kan oolu liqaa qarshii milioona 500 qopheessuu isaa beeksisee jira . itti aanaa bulchaa naannoo obbo Ibraahim Usmaan Faaraa VOAf akka ibsanitti liqaan dhala hin qabaanne kan dhiyaatu akkasumas naannoon isaanii sochii bu’a qabeessa filatee lafa kennuuf haala kan mijeessu ta’uu dubbataniiru.

Yeroo dhiyeenya ministeera dhimma daldalaa kan ta’an Melaakuu Allebel-n kan hoogganamu jilli tokko magaalaa Jijjigaatti argamuu dhaan kaabinee mootummaa naannoo Somaalee waliin marii erga gegeessee booda baatilee ja’an itti aanan keessa indusriiwwan kanaa liqaa walakkaa biliyoonaa gama baankii misooma Itiyoopiyaan qophaa’uufii isaa itti aanaa bulchaan kun ibsaniiru.

Waggaa kana jalqaba prezidaantiin baankii misooma Itiyoopiyaa ta’uun kan muudaman Dr. Yohaannes Ayyaalew baankiin isaanii naannoo Somaaleef liqaa dhala hin qabaanne qopheessuu isaa beeksisuu isaanii obbo Ibraahim beeksisaniiru.

Baankiin misooma Itiyoopiyaa dameewwan naannoo Somaalee keessaa qabuun kana dura waggaa afuriif liqeessee kan ture qarshii miliyoonna 130 qofa ta’uu kan yaadachiisan obbo Ibraahim, amma baatii ja’a keessatti qarshii miliyoona 500 qophaa’uun fooya’ina guddaa dha jedhan.

Baankii misoomaatti dabaluu dhaan kan duraan METEK amma immoo garee Ethio Injineriing jedhamu ijaarsa ilaalchisee deggersa gochuuf walii galuu isaa obbo Ibraahim beeksisniiru jechuun Addis Chekkol gabaaseera.

XS
SM
MD
LG