Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seera-tumtoonni Yunaayitid Isteetis Hala Qophii Eegumsaa Gamoo Mana Mareef Ture Irratti Qorannaan Akka Geggeeffamu Gafatan


Seera-tumtoonni Yunaayitid Isteetis, kaleessa yeroo deggertoonni prezidaant Traamp waajjira Mana-maree Yunaayitid Isteetisitti humnaan girrisanii seenan, tarkaanfii humni poolisii achi ture fudhate galataaffataniyyuu, haala qophii eegumsaa sana irratti akka qorannaan geggeessamu gaafatanii jiran. “Kanneen haala achi ture mul’isan viidiyoolee hedduu tu jira.

Tokko trokko ennaa ilaalaman waan nama yaaddessu of keessaa qaba. Kaan irratti immoo poolisoonni gootummaa agarsiisanii jiran,” jedhu, Seneetor Kiris Marfii. Miseensi mana-maree Yunaayitid Isteetis, Tim Raayaan immoo, hookkara kaleessaa sanaaf, gama naga-eegumsaa tii dursanii itti qophaa’uun akka hanqatu dubbatan.

Sababaa kanaan, kanneen hojii isaanii dhabuuf jiran akka jiraachuu malan illee dubbatan.

Miseensitiin Mana-maree Yunaayitid Isteetis Ihaan Omaris, “nageenya biyyoolessaa eegsisuuf biliyoona hedduu itti baasaa jirra. Har’a, waajira Mana-maree Yunaayitid Isteetis irraa gurmuu namoota seera-dhabloota dhorkuu dadhabuun waan fudhatama qabu miti,” jedhan - kaleessa.

XS
SM
MD
LG