Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dimookiraatonni Koongiresii Ameerikaa Keessatti Sagalee Yayyabaa Argatan


Kan yaada guutummaa biyyaa hawate – dorgommii barcuma mana-maree murtii seeraa yokaan Senetii Yunaayitid Isteetis lamaaf, kutaa Joorjiyaa keessatti marsaa lammataaf geggeessame eega injifatanii booda Dimookiraatonni Mana-maree Bakka-bu’ootaa yokaan Koongiresii fi Mana-maree Murtii-seeraa Senetii keessatti sagalee yayyabaa yokaan irra-aanaa argatanii jiran.

Kan yeroo dheeraaf bakka Rippaablikaanonni itti injifatan taatee turte, Joorjiyaa keessatti dimookiraatonni injifatanii, manneen maree Yunaayitid Isteetis lameen keessatti irra-aantummaa argachuun waan eegamu hin turre.

Joorjiyaa keessatti seneetara gurraacha isa jalqabaa tahuuf ka jiran Lubni Raafaa’el Waarnook, Rippaablikaantittii Keelii Loofler injifatanii barcumicha fudhatan.

Miseensi dimookiraatii Joon Osoofis, Rippaablikaanticha Seneetar David Perduu injifatan.

XS
SM
MD
LG