Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Angoo Akka Gadhiisaniif Gaafatamaa Jira


Deggertonni prezidaant Traamp Robii darbee seeraan ala mana maree Yunaaytid Isteetes eega seenanii badiin dhaqqabee booda prezidaantichii aangoo akka gadhiisaniif dhiibbaan godhamu Waasniingtan keessatti jabaataa jira.

Kamiisa kaleessaa ganama Demookraatoota keessaa kan sadarkaa olaanaa irra jiran lama Traamp aangoo akka gadhiisan gaafatan.Ripaablikaanoota keessaa hangi tokko yaada kana deggeranii jiru

Traamp aangoo gadhiisuu qabu dhiibbaan jedhu hammaachaa yeroo jiru kanatti prezidaantichii kaleessa haasawaa dhageesisaniin aangoo irra turuuf yaaliin godhe milkka'uu baatuus aangoo darabrsee Baaydiinti kennuuf qophii dha kan jedhan fakkaatu.

prezidaantiin Amerikaa inni 46ffaan Joo Baaydiin Amajjii 20 fullee keenyaa kakatanii aangoo qabachuuf jiru.

XS
SM
MD
LG