Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorannaan Yakkaa Jalqabamee Jira. Angawoota Seera Kabajsiisan


Deggeertoota prezidaant Traamp Robii darbee mana marii Yunaaytid Isteets irratti gocha rawwatamee kan ilaaleen qorannaan yakkaa jalqabamuu aangawoonni seera kabajsiisan kan Amerikaa beeksisanii jiru.

Qorattonni dhibba hedduun ramadamanii kanneen gocha seeraan alaa sana gaggeessan adda baasanii hidhamuu isaanii kaleessa ibsamee ture.

Eeggataan abba alangaa kaan magaalaa Waashingtan Dii Sii (DC) Maayik Sherwiin akka jedhanti hokkara gaggeeffameen wal qabatee namoonni 15 mana murtii Fedeeraalaa isa Waashingtan keessa jiruuttihimannaan irratti dhiyaatee jira.

Kannwwn biroon 40nii mana murtii olaanaa Dii Sii keessatti himannaan kan irratti banamee yoo ta'u hokkara sana hogganaa kanneen turan, irra hedduun isaanii lafa mana maree sanaa fi gamoo kanneen seenan ta'u ibsamee jira

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG