Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaan U.S. Gloobaal Miidiyaa Ajeensii Gaaffii Prezidaant Baaydeniin Taayitaa Gad-lakkisan


Hogganaa U.S. Gloobaal Miidiyaa Ajeensii ka turan, Maayikil Paak
Hogganaa U.S. Gloobaal Miidiyaa Ajeensii ka turan, Maayikil Paak

Kan Sagaleen Ameerikaa Jalatti bulu dhaabbata “US Agencey for Global Media” yokaan USAGM jedhanuf hoogganaa ka tahan – Ajeensii , kaleessa eega prezidaant Joo baayiden taayitaa qabatanii yeroo xiqqoo dhaa booda gaaffii prezidaanticha irraa dhihaateen taayitaa isaanii gad-lakkisanii jiran.

Maayikil Paak, seera haaraa caasaalee miidiyaa sana irratti aangoo bal’aa iaaniif kennuun baatiilee daddaqamoo toorbaaf taayitaa irra turan.

Duraan ogeessa fiilmii dokumentarii yokaan seena-qalmeessaa ka turan – Paak, himannaalee hedduu nama of hin beeksisiiniin itti dhihaateen, qorannaan mana-maree bakka-bu’ootaan irratti geggeessamee, ajaja mana-murtiitiin – dhimma hojii caasaalee miidiyaa akka Sagaalee Ameerikaa fi dhaaba walabummaa interneetii gargaaru, kan “Open Technology Fund” jedhamuu keessa akka harka hin galfamnne dhorkamanii turan.

Yeroo taayitaa gad-lakkisanitti, dhaamsa nagaa-dhaaminsaa hojjetoota isaaniif dabarsaniin, dhaabbaticha USAGM gara ergama oduuwwan waa’ee Ameerikaa loogii tokko malee addunyaatti dabarsuutti qajeelchaa akka turan dubbatan. Hooggana isaanii jalatti jijjiiramawwan baay’een akka tahanillee eeran. Garuu, tarkaanfiileen isaanii hedduun, aangawoota mana-maree keessaa, kanneen walabummaa preesiif falmanii fi kanneen gochaalee seeraa-alaa saaxilaniin balaaleffatamaa ture.

XS
SM
MD
LG