Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Tarsiimoo Faccisa KOVID 19 Labsuun Guyyaa Hojii Isaanii Eegalan  


Guyyaa hojii isaanii isa jalqabaatti, prezidaantiin Yunaayitid Isteetis haaraan, Joo baayiden, kaleessa – waa’ee talaalii COVID 19 fi namoonni vaayirasicha qabaachuu qorachuu kanneen hidhatan qaban tarkaanfii hooggana ol’aanaa fudhachuu dabalee, waa’ee dhukkubicha tarsiimoo hojii qaban lafa kaa’atanii jiran.

Mootummaan isaanii Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa waliin akka hariiroo isaa deebisee tolfatuu fi sagantaa raabsa talaaliin Koovid 19, biyyoota iyyeeyyii dabalatee guutummaa addunyaa dhaqqabuu isaa mirkaneessu, ka COVAX jedhamu akka gargaaruuf jiru, Patsii Widaakuswaaraa gabaastee jirti.

Yeroo Ameerikaa keessatti lakkoobsi namoota dhibee Vaayirasii Koronaatti hidhata qabuun du’an kuma dhibba afurii fi kuma shan ga’ee jirutti, Prezidaant Baayiden dhukkubicha faccisuuf tarsiimoo baafatan kaleesa beeksisan.

Prezidaant Baayiden Tarsiimoo Faccisa KOVID 19 Labsuun Guyyaa Hojii Isaanii Eegalan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:16 0:00


XS
SM
MD
LG