Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beela Tigraay Keessaa fi Qarqaarsa Dhihaachaa Jiru


Faayilii - Magaala Maqalee
Faayilii - Magaala Maqalee

Koomishinarri Koomishina Bulchiinsa Yaaddoo Balaa, Mitikkuu Kaasaa, mootummaan naannoo Tigiraay keessatti dhiheessii gargaarsa namoomaa ka shaffisiisaa jiru tahuu dubbatan.

Koomishinarichi ibsa har’a gaazzexeessotaaf kennaniin, naannoo Tigiraay keessatti namni gargaarsa nyaataa yeroo hatattamaa isa barbaachisu miliyoona lamaa fi walakkaa tahuu dubbatan. Tahus garuu, Tigraay keessa beelli jiraachuu gabaasaalee bahan, ka naannoo haga tokkoo salphisanii dubbatan.

Naannoo Tigiraay keessatti waaltaaleen raabsa nyaata gargaarsaa 92 hundeeffamuu isaanii fi kanneen gargaarsi barbaachisu dhaqqabuuf ka carraaqaa jiran tahuu – Koomishinar Mitikkuu Kaasaa dubbatan, jechuun, Melleskaachew Ammahaa gabaasee jira.

karaa biraatiin, Mootummaa yeroo bulchiinsa naannoo Tigiraayitti Hoogganaa Biiroo Dhimma Hawaasummaa ka tahan – hoogganaan Paartii Arrenaa – Abrahaa Destaa, naannicha keessatti uummatni akka beelaan du’aa jirutti Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti dubbatan.

Lakkoobsa namoota beelaan miidhamanii adda-baasanii himuu dhaa baataniyyuu, naannoo sana keessatti uummatni gargaarsa nyaataa hatattamaan barbaadu gara miliyoona afurii fi walakkaa akka tahu dubbatan – Obbo Abrahaan.

Lakkoobsi isaan dubbatan, lakkoobsa namoota naannoo sana keessaa gargaarsa hatattamaa barbaadanii ka mootumaan federaalaa dubbate wajjiin wal-faallessa, jechuun Mulugeetaa Atsbahaa, Maqalee irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG