Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Eegumsa Fayyaa Afriikaa Talaallii Koronaa Dhiyeessuf Hojjachaa Jiraachuu Beeksisan 


Faayilii - Talaalli yaali vaayrasii koronaa ittisuuf kennamu, Afrikaa Kibbaa
Faayilii - Talaalli yaali vaayrasii koronaa ittisuuf kennamu, Afrikaa Kibbaa

Hoogganoonni Afriikaa waggaa dhuftu talaallii koronaa doosii miliyoonaan laka’amu ardittiif argachuuf hojjetaa jiraachuu ibsanii duula koronaatti geggeessamuuf Afriikaan akka tokkoomu gaafatanii jiran.

Baatii Guraandhala darbe erga vaayiresiin kun uumamee qabee Afriikaa keessaa namoonni miliyoonni 3.4 vaayiresichaan qabamanii jiran. Ergasii as keellaaleen eegumsa fayyaa ardittii hedduun qorannaa miliyoona 30 kan geggeesse yoo ta’u Afriikaan kibbaa bakka vaayiresiin kun itti hammaate keessaa ti.

Itiyoopiyaa Naayijeeriyaa, Keeniyaa, Zaambiyaa fi Ugaandaanis qorannaa kana geggeessanii jiran. Ardittii keesaa laboraatorii 500 gad qofaatu qorannaa geggeessaa jiran. Yeroo dhiyoo biyyoonni talaallii kennuu jalqabn, Morokoo, Masrii Siishelsii fi Gaanaa tauun illee beekamee jira.

Yoo vaayiresii kanatti wal taanee hin duullu ta’e haalli hamtuun uumamuu mala jechuu dhaan angawoonni eegumsa fayyaa dubbatanii jiran.

XS
SM
MD
LG