Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiin Saaqamuu Dhabuun Tattaaffii Gargaarsa Namoomaa Tigraay Keessaa Danqe: UNICEF 


Faayilii - Waajira UNICEF, Jeneevaa
Faayilii - Waajira UNICEF, Jeneevaa

Jarmayaan gargaarsa daa’immanii kaleessa ibsa tuuta oduuf kenneen naannoo Tigraay keessatti sababaa walitti bu’iinsaaf torbanneen 12n darbaneef hanqinni gargaarsa namoomaa waan jiruuf daa’imman miliyoonni 1.3 dararamaa jiraachuu beeksisee jira. UNICEF dhiibbaa ijoollee irra jiru qorahuuf daandiin saaqamaa waan hin ta’iniif haalli jiru daran hamaa ta’uu ibsichi beeksisee jira.

Haala jiru ilaalchise kan nuti beeknu xiqqoo dha. Haalle daran nama jeequ jiraachuu mala ka jedhu yaaddoon keenya jedha UNICEF. Keellaaleen eegumsa fayyaa waan manca’aniif jecha kunuusi eegumsa fayyaa illee dhaabatee jira jedheera.

Kana irraan kan ka’e naannoo Itiyoopiyaa jeeqamaan raafamaa jirtu kana keessaa talaallii kennuun hin danda’amne. Sababaa hanqina boba’aan kan ka’e humni ibsaa hin jiraannee fi bishaan fi caasaan qulqullina eeguuf ta’u hin jiru jedha ibsichi.

Ijoolleen Itiyoopiyaa irra jedduun erga uggurri COVID-19 ka’ee booda manneen barnootaatti deebi’aniiru, kanneen Tigraay keessaa garuu hin deebi’in jiru. Ijoollen gamasii baatii sadaasaa erga lolli mootummaa fi humnootii naannoo gidduutti ka’ee as hanqina nyaataan dararamaa jiran jedha ibsi UNICEF kun.

Ijoollee kana dhaqqabuuf mootummaan Itiyoopiyaa hojjettoota mootummaaf mindaa akka baasu akkasumas hojjettoonni gargaarsa namoomaa daandii akka argatan gaafatee jira.

Ijoollonni maatii isaaniitti adda ba’an kaneen 300 ta’an mooraa baqattootaa sudaan keessa jiraachuu ibsuu dhaan biyya ofii keessatti qe’ee irraa kan buqqa’an hedduun jiraachuu illee jaarmiyichi akeekkachiisee jira.

XS
SM
MD
LG