Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Loltoonni Eertraa Hatattmaan Naannoo Tigraay Dhiisanii Ba’uu Qabu Jette


Naannoo Tigraay bakkawwan jiraattonni miliyoonaan lakkaawwaman odeeffannoo irraa kutamanii, loltoota Ertiraa sodaachaa jiraatan (Maddi: UNHCR)
Naannoo Tigraay bakkawwan jiraattonni miliyoonaan lakkaawwaman odeeffannoo irraa kutamanii, loltoota Ertiraa sodaachaa jiraatan (Maddi: UNHCR)

Dubbi himaan ministrii dantaa alaa kibxata kaleessaa ganama Associated Press-f email erganiin saamichii fi hookkara saala irratti hundaa’e akkasumas qubsuma baqattootaa keessatti haleellaalee raawwatamanii fi dhiittaa mirga namaa ilaalchisee gabaasaalee qabatamaan jiraachuu tuqee jira.

Yunaayitid Isteetis Loltoonni Eertraa Hatattmaan Naannoo Tigraay Dhiisaii Ba’uu Qabu Jettie
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:02 0:00

Dubbi himaan kun loltoonni Eertraa baqattoota Eertraa dirqisiisanii gara Eertraatti deebisuu isaaniifis Assoiciated Press torban kana baqattoota kanneen naannoo Tigraay keessaa godaanan tuquu dhaan loltoonni Eertraa saamicha raawwataa jiraachuu, manaa mana irra deemanii dargaggoota ajjeesuu fi innumaa akka angawaa naannoo fakkaachuu dhaan hojjetaa jiru jedha.

Mootummaan Itiyoopiyaa loltoonni kun gamas jiraachuu haalus loltoonni Eertraa hoogganoota naannoo Tigraay keessaa dheessan adamsaniii kan lolan ta’uun ibsamee jira. Bulchiinsi Tramp duraanii Eertraan of qusachuu isheef galateeffataa kan ture keessaa walitti bu’iinsi sun ennaa jalqabamu ejjennoon Yunaayitid Isteetis akkaan jijjiiramee jira.

Ibsi Ameerikaa inni harawaan dararaa raawwatamaa jira jedhame qaama walabaan mull’inatti qorannaan akka geggeessamu gaafatee jira. Loltoonni Eertraa hagam Tigraay keessa akka jiranii fi sirriitti eessa akka jiran hanga ammaatti ifaa mitii jedha ibsichi.

Yunaayitid Isteetis gaaffii kana kallattiin angawoota Eertraaf dhiyeessuu ishees hin beekamin jira. Waajjirri muummicha ministera Itiyoopiyaas gaaffii kanaaf battala deebii hin kennine. Kanneen ijaan argan lakkoobsi loltoota Eertraa gamasii kumaan kan laka’amu ta’uu tilmaamu.

Angawoonni Eertraas gaaffii dhiyaateef deebii hin kennine. Addnyaa irraa cufataa kan taate ministeerri odeeffannoo Eertraa torban kana fuula twitter isaanii irratti barreessuu dhaan Ertraa irratti duullli maqa balleessii geggeessamu ammas irra deebi’uun ka’eera jedhan.

Yunaayitid Isteetis waraansi Tigraay keessaa hatattamaan dhaabatee gargaarsi namoomaa guutummaa fi amansiisaa ta’e danqaa tokko malee naannoo addunyaa alaattii adda cite jiruu fi bakka yeroo hedduu humnootiin naga eegumsa Itiyoopiyaa gargaarsa ergamu waliin deemaniif akka banamu gaafattee jirti.

XS
SM
MD
LG