Xurree ittiin seenan

Breaking News

Talaalii Kovid 19 Ittisu Kennuun Bifa Duulaan Gaggeeffamu Qaba: Antoniyoo Gutarrees


Barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa, Antoniyoo Gutarrees
Barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa, Antoniyoo Gutarrees

Biyyoota dureeyii talaalii uummata isaaniif itti gargaaraman irraa hafee biyyoota hiyyeeyyiif kennuu qabu, jedhan barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarees.

Addunyaa gama tokko tallaalanii isa kaan dhisuun vaayrasichii bifa jijjiratee talaalii haaraa kanaan akka hin fayyineef carraa bana jechuunis akeekkachiisan.

Kanas kan dubbatan walgahii Fooramii diinagdee addunyaa kan gama marsariitiin gaggeeffamu irratti ture.

Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Kiriil Raamaafosaa gama isaaniin biyyoonni dureeyyiin tallaalii kana tuulanii kaa'uu hin qaban jedhan.

Biyyoonni kun hangii tokko kan uummata isaaniif barbaachisu dachaa afuur qabu waan ta'eef gamnii tokko argatee kaan dhabuun fayyaa addunyaa waan gargaaru hin qabu jedhan.

XS
SM
MD
LG