Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessatti Deggersi Lubbuu Oolchuu Akka Saffisu Itiyoopiyaatti Ambaasaadderri Ameerikaa Gaafatan 


Faayilii - Ambaasaadder Mayik Reyner
Faayilii - Ambaasaadder Mayik Reyner
Tigraay Keessatti Deggersi Lubbuu Oolchuu Akka Saffisu Itiyoopiyaatti Ambaasaadderri Ameerikaa Gaafatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:54 0:00

Naannoo Tigraay keessatti gargaarsi lubbuu oolchuu hatattamaan akka hojjetamu kan aangoo gad dhiisaa jiran Itiyoopiyaatti ambaasaadderri US Mayik Reyner yaadachiisaiiru.

Gama biraan loltoonni Eertraa sochiin isaan naannoo Tigraay keessatti geggeessaa jiran kan isaan yaaddessu ta’uu tuqanii hatattamaan akka dhaabatu gaafachuu itti fufna jedhan.

Odeeffannoo qabatamaa ajjeechaa, hookkara saala irratti hundaa’eef dhiittaa mirga namaa Tigraayii fi naannolee Matakkal ilaalchisee dhiyaataa jiru akka qoratmus gaafataniiru.

Mootummaan Itiyoopiyaa garuu duulli waraanaa inni Tigraay keessatti geggeesse ba’ii mirgaa fi itti gaafatama mootummaa isa kamiinuu akka ta’e tuqaniiru.

Waraansi Tigraay keessatti geggeessame tokkummaa bulchiinsa biyya ofii fi nageenya uummata isaa eeguuf itti gaafatama kan qabu mootummaa federaalaa fi lola hidhannoo hookkara irratti hundaa’e kan seeraan alaa gidduutti ta’uu ambaasaadderichi ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG