Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seera Tumtoonni Somaaliyaa Loltoota Waraansa Tigraay Keessaatti Hirmaatan Jedhaman Ilaalchisee Qorannaan Akka Geggeessamu Gaafatan 

Faaxumaa Mo'aalim Abdullee ijoollee isaanii sadi wajjin. Aaddee Faaxumaan ilmi isaanii oggaa 20, Ahimad Ibraahim waraana naanoo Tigraay irratti hirmaachuuf warra leenjiif gara Eertira ergaman keessayi jedhan, Amajjii 18, 202l, Moqaadishuu, Somaaliyaa

Seera-tumtoonni Somaaliyaa, loltoonni Somaaliyaa leenjiif Ertiraatti ergaman iccitiidhaan waraansa Tigiraay keessaatti ergamanii, waraanaa fi du’aa turan oduun jedhe erga dhaga’amee booda, akka Prezidaatiin biyyattii Mohammed Abdullaahii Farmaajoo dhimma kana ibsaniif gaafataa jiran. Waajjirri Farmaajoo himannaa itti aanaa itti gaafatamaa waajjira ragaa biyyoolessaa duraaniin fi maatiiwwan loltoota dhabaman jedhamanii dhiyeessan haalee jira. Leenjii waraanaa sanatti aansee Eertraa keessaa dhabaman kan jedhaman maatiin ijoollee loltootaa, ijoolleen isaanii dhoksaa dhaan gara waraansa Tigraay keessaatti ergamanii akka lolan taasisaman jechuun yaadda’uu isaanii dubbatu.

Mootummaan Mohaammed Abdullaahii Farmajoo loltoonni kun eessa akka jiran ragaa akka dhiyeessu waamicha gochuu dhaan jimaata darbe hiriirri mormii Moqaadishoo keessatti geggeessamee jira.

Seera Tumtoonni Somaaliyaa Loltoota Waraansa Tigraay Keessaatti Hirmaatan Jedhaman Ilaalchisee Qorannaan Akka Geggeessamu Gaafatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:49 0:00

XS
SM
MD
LG