Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Qe’ee Irraa Buqqa’uuf Haleellaalee Sanyii Irratti Hundaa’eef Adda Addummaan Hooggana Naannoo Gidduu Gumaacheera"


Faayilii - Paarlaamaa Itoophiyaa
Faayilii - Paarlaamaa Itoophiyaa
Itiyoopiyaa keessaa lammiiwwan qe’ee ofii irraa buqqa’uu fi haleellaaleen sanyii irratti hundaa’an akka itti fufu adda addummaan hoogganoota naannoo gidduu jiruu fi hariiroon gaarii hin taane jiraachuun ka gumaache keessaa ta’uu afaan yaa’iin mana maree federeshiinii Adam Faaraah ibsanii jiran.

Adam kana kan dubbatan wal ga’ii prezidaantiiwwan naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Affaar akkasumas hoji raawwachiisan bulchiinsa yeroo kan Tigraay argamanitti geggeessame irratti ture.

Hoji geggeessaan bulchiinsa Tigraay kan yeroo Dr. Muluu Neggaa akka dubbatanitti yeroon kun yeroo iti naannoon Itiyoopiyaa kam iyyuu waa’ee daangaa bulchiinsaa itti yaadu miti jedhan.

Prezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimellis Abdiisaa gama isaaniin mootummoonni naannoo akka hollaa hamaatti wal ilaaluu hin qaban jedhan. Afaan yaa’iin mana maree federeeshinii itti dabaluu dhaan mootummoonni naannoo hariiroo uummachuun akeeki isaa rakkoo jiru waliin ta’anii furmaata itti kennuuf gargaara jedhan.

Prezidaantiin naannoo amaaraa obbo Agenyoon gama isaanii tokkummaa fi obbolummaan uummattootaa cimsuuf qooda ol aanaa kan gumaachu bulchiinsa waan ta’uuf mariin kun tokkummaa biyyoolessaaf bu’uura ta’a jedhanii jiran.

Bulchaan yeroo kan naannoo Tigraay Dr. Muluun gama isaaniin tokkummaa Itiyoopiyaa mirkaneessuuf dallaa sabummaa keessaa ba’uutu barbaachisa jedhan.

Prezidaantiin naannoo Amaaraa obbo Agewnew Teshaager, hoji geggeessaan bulchiinsa Tigraay kan yeroo Baahir Daaritti argamuun uummata Amaaraa fi Tigree gidduu hariiroo jiru kan cimsu tarkaanfii barbaachisaa ta’uu ibsaniiru jechuun Asteer Misgaanaaw gabaasteetti.

XS
SM
MD
LG