Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimmoota Dippiloomaasii Cicimootu Ministara Dhimma Alaa Ameerikaa Haaraa Muudaman Dura Dhaabatee Jira  


Ministara Dhimma Alaa Ameerikaa, Antonii Bilinken
Ministara Dhimma Alaa Ameerikaa, Antonii Bilinken

Eega Joo Baayiden Manni-maree murtii seeraa Yunaayitid Isteetis, kan Prezidaant Joo Baayiden akka Ministara Dhimma alaa biyyattii tahan kaadhimatan – muudama Antonii Bilinken mirkaneessee jira.

Dhimmoota Dippiloomaasii Cicimootu Ministara Dhimma Alaa Ameerikaa Haaraa Muudaman Dura Dhaabatee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:30 0:00

Kaatiriin Jibsen akka gabaastetti, manichi-maree murtii seeraa Yunaayitid Isteetis kaleessa, sagalee deggersaa toorbaatamii saddeetiin sagalee mormii digdamii lama irra aanuudhaan muudama ministarummaa dhimma alaa Bilinken raggaasise.

Bilinken, imaammata hariiroo alaa Prezidaantiin Yunaayitid Iseetis duraanii oofaa turan kan “America First” yokaan “Ameerikaan Haa dursitu” jedhu irraa, akka kallattii jijjiiruu maluutti simatan – Dimookiraatonni.

Senetii keessatti hoogganaan paartii sagalee yayyabaa, Chak Shumer, waan kanaa ennaa dubbatan “Mr. Blinken waltajjii addunyaa irratti dantaalee biyyoolessaa Ameerikaa deebisee gad-dhaabuuf, meeshaa Ameerikaa isa duraa ka tahe dippiloomaasii deebisee ijaaruuf nama dandeettii qabu, nama sirrii dha” jedhan

Bilinken waajira mana-maree Yunaayitid Isteetis keessattis tahe, bara bulchiinsa Baaraak Obaamaa, akka itti-aanaa ministara dhimma alaa Yunaayitid Isteetisitti hoogganaa waa’ee imaammata hariiroo alaa muuxannoo waggoota kurnootaa qabani. Paartii Rippuubilikaanii irraa Seneter Raand Pool immoo “Mr.

Bilinken dhimma Gidduu-galeessa Bahaa keessa humna waraanaan seenuu nama waggoota digdamman dabraniif leellisaa ture. Yoo imaammata haaraa argachuuf jirra, ka jennu tahe of gowwoomsaa jirra. Waanuma duraanuu ture sana deebisnee arganna.” Jedhan.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

XS
SM
MD
LG