Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Muummicha Ministaraa Itiyoophiyaa Waliin Bilnilaan Dubbachuun Ibsame


Faayilii - Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii J. Blinken
Faayilii - Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii J. Blinken

Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii J. Blinken har’a Muummicha Ministaraa Itiyoophiyaa, Abiyi Ahimad waliin bilbilaan dubbachuu isaanii, dubbi-himaan ministirichaa, Ned Praayis himanii jiran.

Haasawa bilbilaa sanaan, Ministarichi Dhimma-alaa Bilinkenii fi Muummichi-ministaraa Abiyyi, barbaachisummaa hariiroo Yunaayitid Isteetisii fi Itiyoophiyaa gidduutti fuuleffachuun ka dubbatan yoo tahu, Ministarichi Dhimma-alaa Antonii J. Bilinken, waa’ee rakkoo namoomaa naannoo Tigiraay keessaa yaaddoo cimaa nuti qabnu ibsanii, lubbuu namaa daran dhumaatii irraa oolchuuf, gargaarsi namoomaa hatattamaan, guutummaatti, danqaa tokko malee akka naannoo sana dhaqqabsiisamu gaafatanii jiran, jedhan dubbi-himaan Ministirichaa, Ned Praayis.

Kana malees Ministarichi Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetis ajandaa jijjiiramaa Itiyoophiyaatiif biyyii isaanii cicha qabaachuu ishee fi filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa dhufaa jiru ka deggertu tahuu, akkasumas nageenya fi tasgabii godinaa sanaa, dimookliraasi, mirga namoomaa, murtii haqaa, itti-gaafatamummaa fi badhaadhina lammiwwan Itiyoophiyaaf ka cichitu tahuu irra-deebi’anii mirkaneessanii jiran, jedhan.

XS
SM
MD
LG