Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoopiyaan Shakkamtoota Embasii Tokkummaa Emireetota Arabaa Finfinnee Haleeluuf Shiran To’annaa Jala Oolche Jette 


Faayilii Poolisii Finfinnee

Itiyoopiyaan namoota 15 kanneen embasii tokkummaa emireetota Arabaa kan Finfinnee jiru irratti haleellaa raawwachuuf shiran to’annaa jala oolchuu isaa tajaajila tika nagaa maqaa dhda’uun sabaa himaan biyyattii gabaasee jira.

Gareen kun namoota biyyootii alaa irratti fuuleffatuu irratti hojjetaa ture jechuu dhaan dhaabi presii Itiyoopiyaa gabaasee jira. Meeshaaleen lakkoobsi isaanii hin tuqamin, dhukaatotaa fi galmeeleen ennaa duula geggeessamee qabamuu dhaabbatichi beeksisee jira.

Gareen kun ergama isaa dhaaa shororkeessota biyyootii alaa fudhachuu dhaan miidhaa hamaa qabeenyaa fi lubbuu namaa irraan geessisuuf qophaa’aa turuu beeksiseera dhaabi kun minisriin dhimma alaa kan tokkummaa emireetota Arabaa gabaasa ganaaf battala deebii hin kennine.

Gareen shakkamu kan lammataa immoo gurmuulee diplomaasummaa tokkumaa imireetota arabaa biyya hollaa Sudaan keessaatti karoorsuu dhaabbati presii Ethiopia beeksisee jira. Tajaajilli tika nagaa Ethioa gita isaa kan Sudan waliin ta’uu dhaan dhimma shira kanaa ilaalchisee hojjetaa jira jedhameera. Angawoota Sudan biraa battala ibsi kenname hin jiru

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG