Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessa Haallii jiru Akkaan Na Yaaddessee Jira: Antoniyoo Gutarrees


Faayilii - Barreessaa Duree Tokkummaa Mootummootaa, Antoniyoo Gtarrees
Faayilii - Barreessaa Duree Tokkummaa Mootummootaa, Antoniyoo Gtarrees

Barreessaa Dureen Tokkumma​a Mootummootaa Antoniyoo Gtarrees haallii bulchiinsa naannoo Tigraay keessaa akkaan kan isaan yaaddeesse ta'u dubbii himaan isaanii beeksisanii jiru.

Haariroon mootummaa Itiyoophiyaa fi Tokkummaa Mootummootaa gidduu jiru akkaan barbaachisaa ta'u kan ibsan yoo ta'u uummata miidhamee maraaf garee Tokkummaa Mootummotaa Itiyoophiyaa keessatti ramadameen gargaarsii namoomaa akkaan akka barbaachisuu ibsan jedhan.

Gargaarsa dhala namaa dabalaa akka adeemuu gochuuf tarkaanfiin fudhatamuu itti fuufiinsa qabaachuu akka qabu akkasumas kanneen balaaf saaxilamaniif eegumsii akka godhamu gaafatan.

Mootummaan Itiyoophiyaa dhiyeenya kana Komiishiinara sadarkaa olaanaa kan baqattootaa fi aangawoota sadarkaa olaanaa kanneen biroo waliin marii gaggeessaniif Gutarrees galateeffatanii jiru.

XS
SM
MD
LG