Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Tigraay Keessaa Ilaalcha Hatattamaa Argachuu Qaba: Tokkummaa Mootummootaa


Tigraay keessatti ummanni kuma dhibba hedduun amma iyyu gargaarsa argataa akka hin jirre dubbii himanaan barreessaa duree Tokkummaa Mootummotaa Steephan Juriik ibsanii jiru.Sochiin dinagdee, tajaajilli eleektriikaa,kan qunnamtii fi tajaajiila bu'uraa harka caalaan addaan ciitee akka jiruu fi kun immoo keessumaa baadiyyaa bakka uummanni 3 keessaa harkii 2 jiraatuutti akka ta'e ibsan.

Magaala Maqalee irraa kan hafee Baankiiwwan cufamanii akka jiran, kunis jaarmayoonni gargaarsaa fi kanneen biroon tajaajiila bu'uraa kennuu irraa danqee akka jiru dubbatan.Gabaa keessa hanqiinni waan nyaatamuu akka jiru kunis baatii oomishaa keessa walitti bu'iinsii waan jalqabameef midhaan ituu hin facaafamin hafuu ibsan Juriik.

Walitti bu'iinsii ituu hin jalqabamiin duras weerara dhukkubaa fi Hawaaniisaa waan tureef hanqiinni nyaataa dabalaa akka ture ibsan.Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa(WHO) akk jedhutti Tigraay keessatti Hospitaalonni harka 80 ta'an hojjataa hin jiran.

Erga walitti bu'iinsa Tigraay keessaa as ijoolleen Miliyoona 1.3 ta'an mana barnootaa dhaqaa akka hin jirre, manneen barnootaa yeroo ammaa namoota achuuma Tigraay keessatti manaa fi qe'e ofii irraa godaananiif bakka daahannaa ta'u dubbatan.

Ijoolleen maatii ofii irraa adda ba'an akka jiran fi himatii humnaan gudeeddii fi hokkara saalaa jabaan jiraachuu ibsan.

Gargaarsa namoomaa Tigraay keessaa dabaluuf walitti bu'iinsii itti fufuu fi Birookraasiin amma iyyu danqaa ta'uunibsameera.Gargaarsa guutuu battalumatti, karaa nagaan dhorkaa malee, eegumsa jalatti akka Tigraay seenuuf gaafanna jedhan Juriik, daw'annaa aangawoonni Tokkummaa Mootummootaa Itiyoophiyaatti gaggeessanii fi marii aangawoota biyyatti waliin gaggeessan akkasumas wal jijjirraa yaadaa ta'e bu'a qabeessaa fi itti fufuu akka qabu dubbii himaan barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Steefan Juriik ibsanii jiru.

XS
SM
MD
LG