Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteets Gumii Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Keessaa Baate Itti Deebi’uuf Jetti 


Faayilii - alaabaa Yunaaytid Isteets fi Tokkummaa Mootummootaa
Faayilii - alaabaa Yunaaytid Isteets fi Tokkummaa Mootummootaa

Ministriin dhimma alaa Ameerikaa Antonii Bliinken Ameerikaan akka taajjabduu ta’uun gara gumii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaatti ka deebitu ta’uu har’a beeksisan.

Yunaayitid Isteetis gumii kana dhiistee kan baate bara 2018 bulchiinsi Traamp manni maree sun Israa’el ilaalchisee ni looga, jijjiirama hedduutu barbaachisa akkasumas miseensota isaa keessa biyyoota dhiittaa mirga namaa oofan kan akka Chaayinaa, Kuubaa fi Vnenzueellaa qaba jechuun ennaa himatetti.

Angawaa gameessi Yunaayitid Isteetis tokko ibsa gaazexeessotaaf kennaniin bulchiinsi Baayiden manni maree sun amma iyyuu jijjiirama ni barbaada jedhanii, garuu fooya’inni akka dhufu dhiibbaa gochuuf malli gaariin achitti argamanii taajjabuu dha jedhan.

Sana boodas taajjabdummaa irraa gara miseensummaatti ce’uun ni danda’ama jedhan Filannoon miseensotaa kan waggaa dhuftuu xumura waggaa kanaa geggeessamuuf jira.

XS
SM
MD
LG