Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afriikaan Kibbaa Talaallii COVID-19 Kennuuf Turte Ni Hambifte 


Afriikaan kibbaa erga talaalliin AstraZenekaa jedhamu vaayiressii haaraa biyya ishee keessatti argame irratti hojjechuuf milkaa’inni qabu hagas ta’uu qorannaan haaraa ba’e mul’isee booda, duula talaallii COVID-19 kennamuuf ture rarraastee jirti.

Jarmayaan fayyaa addunyaa haala haaraa Afriikaa Kibbaa kana ilaalchisuun Wixata har’aa wal ga’ii geggeessaa jira.

Qorannaan kun Kan Joohaansberg keessa jiru Yuniversitii Witwaterstand jedhuun kan geggeessame yoo ta’u, talaalliin Briteeniin oomishame kun vaayiresii haaraa Afriikaa Kibbaa keessatti argame keessumaa daragaggoota irratti milkaa’nni isaa hagas akka hin ta’en beeksise qorattootaa fi hayyoota saayinsii kannee biroon hin xiinxalamin jira. oduu kun kan duruu sababaa vaayiresii koronaan uummata 46,0000 dhabde Afriikaa kibbaaf oduu hamtuu dha.

Guyyoota itti aanu keessa uummata biyyattii miliyoonaan laka’amu talaallii AstraZenekaa tallaaluuf karoorfamee ture. Haa ta’u malee talaalliin kun milkaa’inni isaa vaayiresii haaraa argame irratti dhibba irraa harka 22 qofaa ta’uun ibsamee jira.

Vaayiresiin kun Yunaayitid Isteetisiin dabalatee yoo xiqqaate biyyoota 32 keessatti argame. AstraZenekaan dilbata kaleessaa akka jedhetti talaallii vaayiresii Afriikaa kibbaaf milkaa’inaan hojjetu ka biroo qopheessaa jiraachuu isheef hanga baatii Fulbaanaatti kan qophaa’u ta’uu beeksiste.

Yunaayitid Isteetis keessaa tatllaaliwwan COVID-19 miliyoonni 59 kutaalee maraaf kan raabsaman ta’uu waaltaan ittisaa fi to’annoo dhukkubootaa dilbata kaleessaa beeksisee jira.

Talaalliiwwan Modernaa fi Pfizer-BioNTech miliyoonni 41ol hanga kaleessa ganamaatti kan kenname yoo ta’u namonin miliyoona 31.5 ol talaallii isa jalqabaa fudhachuu CDCn beeksiseera. Miliyoona 9 ol kanneen ta’an immoo tallaallii lammataa fudhatanii jiran.

XS
SM
MD
LG