Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manneetiin Murtii Keeniyaa ‘Interneetii’dhaan Murtee Dhaddachaa Kennaa Jiru


Manneetiin Murtii Keeniyaa ‘Interneetii’dhaan Murtee Dhaddachaa Kennaa Jiru
Manneetiin Murtii Keeniyaa ‘Interneetii’dhaan Murtee Dhaddachaa Kennaa Jiru

Keeniyaatti manneetiin murtii dhaddacha Interneetiin gaggeessaa jiran murtee kennuurratti bu’aa buusaa jira. Ogeeyyiin seeraa fi abukaatonni biyyattii akka jedhanitti dhaddachi karaa interneetiin gaggeeffamuun murteen haqaa saffisaan akka kennamuuf karaa banaa jira.

Manneetiin Murtii Keeniyaa ‘Interneetii’dhaan Murtee Dhaddachaa Kennaa Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:37 0:00

Manneetiin murtii keeniyaa Interneetiin dhaddacha taawuu ka jalqaban erga weerarri Kooronaa Vaayres biyyattii keessatti mullateeyyu. Manni Murtii Olaanaa biyyattii akkuma dhibeen kun mullateen murtee kana ka dabarse yoo tahu, haalli kun kenniinsa haqaa biyyattii fooyyesseera jedhu, ogeessi seeraa Mana Murtii Olaanaa Keeniyaa Omaarii Wikifanaanaa.

Ogeessi seeraa Wikifanaan dabalee haalli kun himatawwan ammatti murtee barbaadaniif mala gaarii fede jedhe. Abbootiin seeraan bakka jiranii murtee kennuu akka danda’an mijeessuu eeree, biyyaan alallee taa’anii dhaddacharratti hirmaachuun murtee ka dabarsan jiraachuu dubbate.

Anitaa Masaakii ogeettiin seeraa kaan tajaajilli kun gaarii ta’us irra fooyya’uu akak qabu dubbatte. Mootummaan lammileen akka tajaajila kana baratan gochuu akka qabuu fi meeshaalee tajaajila kanaaf barbaachisan guutuun dhiyeessu qaba jette.

Duraanis Keeniyaatti Adoolessa bara 2020 kaasee Naayroobii fi naannooshee ka jiran, galmee himata mana murtiitti ka toora qabsiifatan karaa Interneetiitiinini.

XS
SM
MD
LG