Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayidin Prezidaantii Keeniyaa Wajjin Mari'atan


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis, Joo Baayidin, Keniyaan akka dura-teessuu Gumii Nagaa fi Tasagabbii Gamtaa Afrikaatti walitti-bu’insa Itiyoophiya fi Sudaan keessaa dhaabsisuu irratti akka gargaartu ka fedhan tahuu beeksisan.

Eega Prezidaantii Keeniyaa, Uhuruu Keeniyaataa, Gamtaa Afrikaatti taayitaa kana fudhatanii as yeroo duraatiif, prezidaantichi Yunaayitid Isteetis karaa sirnaawaa taheen, bilbilaan kan waliin dubbatan yoo tahu michooma waaraa biyyoota lameen gidduutti kan cichan tahuu fi miseensummaa Gola Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa Keeniyaa qabdu akka carraattti fudhachuudhaan nagaa fi gasgabii naannoo sanaatti fuuleffatanii akka waliin hojjetan dubbatanii jiran.

Barreeffanni haasawa telefoonaa hoogganoota lameen gidduu Waayiti Haawus irraa bahe akka jedhutti, biyyoonni lameen dhimmoota Gaanfa Afrikaa irratti dhiibbaa qaban irratti akka waliin hojjetan dubbachuu isaanii kan ibse yoo tahu, “prezidaantiin Yunaayitid Isteetis, barbaachisummaa hariiroo jabaataa Yunaayitid Isteetis gidduus mirkaneessanii, Yunaayitid Isteetis Gumii Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa keessatti dabalatee, nagaa fi tasgabbii naannoo Gaanfa Afrikaa gargaarsuuf akka Keeniyaa waliin dhiheenyaan hojjehuu itti fuftu gad-jabeessuun himanii jiran,” jedhee jira.

XS
SM
MD
LG