Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Moohaammed Deeksisoo Akka Hatattamaan Hiikamu Gaafate


Suuraa Moohaammed Deeksisoo marsariitii hawaasummaa irraa argame

Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa kan Yunivarsitii Jimmaatti eebba barattootaa irratti dhaadannoo dhageessisee fi sana booda qabamee hidhame Mohammed Deksiisoo akka hatattamaan mana hidhaatii baafamu gaafatee jira.

Kommishinichi ibsa har'a baaseen naannoo Oromiyaa bakka adda addaatti ajajni mana murtii kabajamuu hanqachuun kan isa yaaddesse tahuu dubbate.

Koomishinichatti gorsaan mirga naamoomaa obbo Imaad Abdulfattaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti hanga yakka jedhame seeraan hin tumamnetti namni kamiyyuu yaada isaa bilisaan ibsachuun isa yokaan ishee hin hiisisu jedhan.

Gabaasa guutuu caqasaa

Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Moohaammed Deeksisoo Akka Hatattamaan Hiikamu Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:44 0:00


Yaadawwan Ilaali (9)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG