Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deggertoonni Bulchiinsa Waraanaa Maaynamaar Mormitoota Farra Fonqolcha Mootummaa Waliin Walitti Bu’an 


Deggertoonni bulchiinsa Waraanaa Yangoon hiriirtota mormii kanneen fonqolcha mootummaa sivilii kan Guraandhala 1 irratti haleellaa oofaniin rakkoon siyaasaa Mayanamaar keessaa bifa haaraa qabatee jira.

Hookkarri sun deggertoonni waraanaa dhibbaan laka’aman magaalaa Yaangoontti kan argamu buufata baabura imaltootaa cinatti ennaa hiriira geggeessaa turanitti namoonni daandii irra turan ennaa isaan dhakaa itti darbuun deebii kennan.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfame akka mul’isutti hiriirtonni deggertoota waraanaa hedduun nama biilsa waajjira tokko fuullee dhaabatu ennaa haleelanii fi yoo xiqqaate hiriitota sana keessaa tokko haalbee harkatti baatee ture.

Wixata kaleessaa hiriirri guddaan kan mormii hoji dhaabinsaa dabalat, akeekkachiisa bulchiinsi waraanaa kenne diduu dhaan gggeessamee jira.

Yunaaytid Isteetisii fi biyyoonni gama dhiyaa kanneen biroon hoogganntuun leellistuu dimokraasii kan bulchiinsi waraanaan aangoo irraa darbuun to’annaa jala oolche Aaan Saan Suu Shii fi michoonni isaanii kanneen fonqolcha mootummaa sana booda hidhaman akka hiikaman akkasumas mootummaan sivilii bakkatti akka deebi’u gaafataniiru.

XS
SM
MD
LG