Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsa Addaan Citee Ture Kan Ameerikaan Itiyoopiyaaf Kennitu Bakkatti Deebisuu Mirkaneessuuf Xiinxalli Geggeessamaa Jiraachuun Ibsame  


Bulchiinsi Baayiden gargaarsi alaa Itiyooopiyaaf kennamu hidha laga Abbayyaa waliin kan wal hin qabanneef jijjiirraan imaammataas Ameerikaan hariiroo Itiyoopiyaa waliin qabdu murteessa jechuun xiinxaltoonni dubbatanii jiran. Xiinxalaa gameessi dhaaba rakkoo fi walitti bu’iinsa addunyaa qoratuu William Davison VOAf akka ibsanitti bulchiinsi Tramp deggersa Itiyoopiyaa ugguruun lammiiwwan Itiyoopiyaa dheekkamsiisuu irra darbee takaanfii kana jedhamee tilmaamamu hin argamsiisne jedhan. prezidaantichi duraanii Doonaald Tramp baatii Fulbaana bara 2020 gargaarsa Itiyoopiyaaf kennamu kan doolaara miliyoona 100 addaan kutuu dhaan hanga biyyattiin tattaaffii jaarsummaa ministriin maallaqaa fi baankiin addunyaa jalqabanitti walii galtutti gargaars sana kan tursan ta’uu beeksisanii tuan.

Hariiroon jiru illee ennaa Tramp Masriin hidha sana dhoosuu dandeessi jechuun ennaa marii bilbilaan geggeessan dubbatanitti laaffataa adeeme.

Sababaa danqaa kanaan deggersi Itiyoopiyaaf kennamuuf ture doolaarri miliyoonni 270 qabamuu isaa dubbi himaan ministrii dhimma alaa Ned Price beeksisaniiru. Yunaayitid Istees maallaqi sun adda cituu xiinxaluu dhaan bakka barbaachisu dhaqqabuu isaa ni mirkaneeffatti jechuun torban darbe tuuta oduuf ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG