Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteetes Kaawunsilii Mirga Dhala Namaatti Deebi'uu Feeti: Antonii Bliinkin


Bara keessa jirru 2021 gara dhumaatti Kaawunsiliin mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa filannoo yeroo gaggeessu Yunaaytiid Isteetes deebitee itti dabalamuu kan feetu ta'u ministeerri haajaa alaa Amerikaa Antoonii Bliinkiin beeksisanii jiru.

Kaawunsilii kanaaf Robii har'a gama Vidiiyoon haasawaa kan dhageesiisan Bliinkiin barcuuma keenya deebisnee akka argannuuf deggersa biyyoota miseensa Tokkummaa Mootummootaa taa'an hundaa gaafanna jedhan

Kaawunsiliin miseensoota 47 qabu kun barcuums waggaa sadii sadiin kan qabatuu yoo ta'u bara 2022 hanga 2024f deebisnee qabachuu qabna jedhan angawaan Amerikaa kun.

Prezidaant Traamp bara bulchiinsa isaanii Amerikaa baasun isaanii ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG