Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yakkamtoota Naannoo Tigraay Keessa Dhokatan Qabuuf Sakatta’a Godhamuun Alatti Waraansi Hin Jiru: Meejer Jeneraal Mehaammed Tesemmaa 


Faayilii - Meejer Jeneraal Mehaammed Tesemmaa 
Faayilii - Meejer Jeneraal Mehaammed Tesemmaa 

Naannoo Tigraay keessatti raawwatamaa jira kan jedhan wal waraansi dhaabatee kanneen lola irratti bobba’an hatattamaan dhaabanii gara mariitti akka deebi’an gumiin waaltaalee amantii Tigraay torban darbe waamicha dabarsee jira.

Yakkamtoota Naannoo Tigraay Keessa Dhokatan Qabuuf Sakatta’a Godhamuun Alatti Waraansi Hin Jiru: Meejer Jeneraal Mehaammed Tesemmaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:48 0:00

Gumiin kun ibsa baaseen waraansi sun lubbuu lammiiwwan nagaa amma iyyuu dhabamsiisaa, waaltaalee jiran mancaasaa waan jiruuf mariin karaa nagaa akka jalqabamu hawaasi addunyaa dhiibbaa gochuu qaba jechuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Akkuma kanaan haala yeroo ammaa Tigraay keessa jiruu fi walumaa gala haala waraansi sun itti geggeessame akka nuuf ibsaniif daayiriktera ol aanaa indektroneeshinii ittisa biyyaa Itiyoopiyaa Major Jeneral Mohammed Tessemmaa waraana Tigraay keessa jira jedhameef deebii ennaa kennan Maqalee erga seenamee booda waraana waan jedhu hin jiru. Lola waan jedhamu hin jiru.

Yakkamtoota tamsa’an adamsuu fi barbaaduu irratti walitti bu’iinsaawwan xixiqqoon asii fi achii jarri luubbu isaanii oolchuuf raayyaan ittisaa immoo seera kabachiisuuf duula geggeessuun walitti bu’iinsi xixiqqoon jiru. Sadarkaa waraansaa hafee, sadarkaa lolaatti iyyuu homtuu hin jiru. Gareelee shororkeessan xiqqoo adamsuu irraa amma gara nama dhuunfaatti haala itti deemnetu jira.

Jeneraal mohammed, lola sana kan jalqabe garee IWEHAT jechuun himatanii, bu’uuraalee misoomaa hedduu diigeera, lubbuu hedduu galaafateera, Maaykaadiraatti utuu hin hafin fixiinsa jamaa geggeesseera, raayyaa ittisa biyyaa irratti gocha suukanessaa raawwatuun saamicha raawwate jedhan. Innumaa Maqalee irraa baqatee ennaa ba’u hidhamtoota 10,000 ol ta’an hiikee godinaalee maraa fi magaalaa guddoo naannoo sanaa keessa gad dhiisuu dhaan uummati yakka dalaganii kanneen hidhamanii turaniin akka saamamu jeeqamuu fi mirgi isaa akka dhiitamu kan godhu humna gara jabeessa sana jedhan.

XS
SM
MD
LG