Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hanqinni Oksijiinii Wal’aansa Fayyaa Afriikaa fi Laatiin Ameerikaa Mudate 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Kanneen vaayiresii koronaan qabamanii dhukkubsataniif rakkoon dhiyeessii Oksijiinii Afriikaa fi Laatin Ameerikaa keessatti dhaqqabee jira. Ennaa weerarri sun jalqabetti gamasitti akeekkachiisi kan hin dhaga’amne ta’uu isaaf ogeessonni wal’aansa fayyaa hanqinni oxygen gara du’a hin barbaachifnetti geessuu isaa ibsan. Itti gaafatamaan waaltaa ittisaa fi to’annoo dhukkubootaa Afriikaa akka jedhanitti Oksijiinii wal’aansa fayyaaf oolu arditti keessatti akkaan barbaachisaa dha.

Sababaan dhukkubsattoonni bakka biraa caalaa du’aniif illee hanqina kanaaf jedhan. Maatiiwwan yaadda’an Oksijiinii argachuuf gabaa seeraan alaa irraa bituuf dirqamaa jiran.

Xiinxaltoonni dhimma wal’aansa fayyaa, Oksijiinii argachuu ilaalchisee garaagarummaan argamu bara weeraraa keessa fayummaa ilaalchisee haqi dhabamuu isaa mul’isa jedhan.

XS
SM
MD
LG