Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiloonni Eertraa Dhimma Sudaanii Fi Itiyoopiyaa Ilaalchisee Ergaa Prezidaant Isaayyaas Afewerqii Angawoota Sudaaniif Dhiyeessan 


JIlli ministrii dhimma alaa Eertraa Osman Saaleeh fi gorsaa prezidaantii Yemaanee Gebreaabiin of keessaa qabu har’a mana maree ol aanaa Sudaanitti prezidaant Jeneraal Al Burhaan waliin wal arguu dhaan hariiroo Sudaanii fi Itiyoopiyaa giddu jiruu ilaalchisuun ergaa prezidaanti Isaayaas Afewerqii biraa ergame dabarsuu isaanii Yemaaneen ergaa twiteer maxxansaniin beeksisaniiru

Jilli kunis ergaa isaanii muummicha ministeeraa Hamdookiitti dhiyeessaniiru. Prezidaanti Isaayaas xalayaa isaaniin, biyyoota hollaa lamaan gidduutti adda addummaa uumame nagaaf obsaan furamuu akka qabu yaadachiisaniiru. Prezidaanti Al Burhaanii fi muummichi ministeeraa Hamdook kaka’umsa Eertraa ajaa’iffataniiru.

Prezidaanti al Burhaanii fi muummichi ministeeraa Hamdook Sudaan rakkoolee jiran karaa nagaa hiikanii Itiyoopiyaa waliin hariiroo cimaa uumuu akkasumas nageenya godinaa sanaaf hojjechuuf murteessuu ishee mirkaneessaniiru.

XS
SM
MD
LG