Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Hoggantoota Siyaasaa Hidhaa Jiranii Furmaata Atattamaa Barbaada: Hiriirtota


Hiriira mormii Hawaasa Oromoo, Guraandhala 23, 2021, Waashingitan Diisii
Hiriira mormii Hawaasa Oromoo, Guraandhala 23, 2021, Waashingitan Diisii

Hawaasni Oromoo Ameerikaa dhiittaa mirga dhala namaa Itoophiyaa keessa jira jedhan balaaleffachuudhan Kamisa kaleessaa magaala teechoo mootummaa Yunaaytid Isteets, Waashingitan Diisitti hiriira bahan.

“Haalli hoggantoota siyaasaa mana hidhaa jiraanii nu yaachisa, hidhamoooni siyaasaa haa hikkamanii fi mootumman gara mariitii haa deebi’u” gaafiwwan jedhanis dhageechisaa turan.

Haalli Hoggantoota Siyaasaa Hidhaa Jiranii Furmaata Atattamaa Barbaada: Hiriirtota
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:20 0:00

Yunaaytis Isteesitti Ambaasaadariin Itoophiyaa, Obboo Fitsum Aragaa gaafii hiriirtotaa laachisee gaafii fi deebii gabaasa VOA Habtaamuu Siyyum wajjin godhaniin, "hidhamtoota siyaasaa lagannaa nyaata irra jiran dirqiin nyaachisuun in danda’amuu, garuu haala fayyaa isaanii lalchisee mootummaan yaalii kennuuf qophii ta’uu mana murtiitti mirkaneessera," jedhan.

Kanneen hidhaa jiranis dhimmi isaanii seera biyyattiitiin laallamaa kaa jiru ta'u dubbatan.

XS
SM
MD
LG