Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasaan Yunaayitid Isteetis, Fixiinsa sanyii Tigray Keessatti Raawwatamu galmeesse Jedha New York Times 


Gabaasi keessoo kan mootummaa Yunaayitid Isteetisiin ba’eef gaazexaan New York times argate, Itiyoopiyaan maqaa duula waraanaa naannoo Tigiraay keessaa jechuun naannoo gama kaabaa irra hedduu milishoonni Amaaraa to’atanii jiran keessatti tooftaa dhaan fixiinsa sanyii geggeessaa jirti jedha.

Gaazixaan New York Times akka jedhutti ,jalqaba baatii Guraandhalaa gabaasi dhiyaate uummanni kurna kumaan laka’aman kan jiratan ganda gammoojjii keessaa manneen jireenyaa saamamaniiru.

Akka gaazixaa kanaatti gabaasi sun angawoonni Itiyoopiyaa fi michoonni isaa loltoonni milishoota naannoo hollaa Amaara irraa ta’anii fi muummicha ministeeraa Abiy Ahimediin deggeruuf gara Tigraay dhaqan ta’e jedhanii naannoo san agama dhiyaa keessatti saba irratti doorsisaa fi humna qindaa’e gargaaraman jedha.

Gabaasi sun akka jedhutti namoonni hangi tokko gara bosonaatti baqatan, ykn seeraan ala daangaa ce’anii gara Sudaanitti dheessan. Kaan immoo itti marfamuu dhaan Tigraayitti deebisaman jedha gaazixaan sun. ministriin dantaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Blinken ibsa sambata darbe kennaniin akka jedhanitti Ameerikaan fixiinsa gara jabinaa raawwatame walumaa gala haala Tigraay keessaa gad adeemaa adeemuu isaatti yaadda’uu isee ibsan.

Ripaablikaantichi miseensa mana maree fi hoogganaan koree dhimmootii alaa Maayikil Mikool gama isaaniin ibssa sambata darbe baasaniin bulchinsi Baayiden gocha gara jabinaa naannoo Tigraay keessatti raawwatame kanneen dalagan akka itti gaafataman tarkaanfii murteessaa akka fudhatu gaafatan. Mikool akka jedhanitti Ameerikaan baatii itti aanu ennaa aangoo dura taa’ummaa gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa fudhattu ilaalcha guddaa kan itti kennitu dhimma ijoo ta’uu qaba jedhan.

XS
SM
MD
LG