Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naajeriyaa keessatti Shamarran Butaman Gadhiifaman


Shamarran 279 kanneen Naayjeriyaa kutaa Zamfaraa keessatti butamanii turan gadhiifamuu fi fayyaan isaanii eega qoratamee booda maatii waliin wal arguu isaanii aangawoonni biyyatti ibsanii jiru.

Abbaa shamarree butamtee tokko kan ta'an Yaakuub Saanii akka jedhanti sagalee intala kootii bilbilaan yeroon dhagahuu akka waan haaraa dhaladheetti natti dhaga'ame jedhan.

Komishinarri polisii kan kutaa Zamfaraa Abuutuu Yaaroo akka jedhanti shamarran gaadiifaman kun gammadoo fi fayyaa ta'u isaanii hubannee jirra jedhan.Mootummaan Naayjeriyaa mala karaa nagaa gargaaramuu filachuu isaatu shamarran gadhiifamuu kana fidee jedhan.

XS
SM
MD
LG