Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartileen Siyaasaa Rakoon Nageenyaa Isaan Muudachuu Boordii Filannootti Dubbatan


Hoogganoonni paartiilee siyaasaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin marii geggeessaniin, bakkawwan filannoo itti geggeessuuf karoorfatan tokko tokkotti rakkoon nageenyaa isaan mudachuu Boordichatti dubbatan.

Hoogganoota Paartiilee mormituu keessaa hagi tokko akka jedhanitti, sababaa rakkoo nageenyaatiif jecha nannooleen kaadhimamtoota isaanii ka filannoo itti galmeeffachuu dadhaman ni jiran.

Dura-teessuun Boordii Filannoo Biyyoolessaa, Aadde Birtukaan Miidhagsaa, deebii kennaniin, paartiilen siyaasaa kun rakkoolee isaan mudatu guyyaa guyyaatti akka boordichatti gabaasan kan isaan gorsan yoo tahu, gaaffiileen paartiileen mormituu kaasan aangawoota dhimmi isaa ilaallatuuun ka dhihaatan tahuu dubbatan.

Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa, guyyaa galmee kaadhimamtootaaf beellamame haga ammaatti si’a lama dabarse.

XS
SM
MD
LG