Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaan Naannoo Tigraay Keessaa Akka Qoratamu Itiyoopiyaan Akka Eeyamtu Tokkummaan Mootummootaa Gaafate 


Komiishinerii gameetti dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa, Misheel Bacheleet
Komiishinerii gameetti dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa, Misheel Bacheleet

Komiishinerittiin gameettiin dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa tarii yakka waraanaa ta’uu kan danda’u ajjeechaa fi dararaa quunnamtii saalaa naannoo Tigraay keessatti raawwatame ilaalchisee himannaa dhiyaataa jiru akka qoratamu eeyama akka kennitu kamisa har’aa Itiyoopiyaa gaafatanii jiran.

Misheel Bacheleet ibsa kennaniin dhugaa jiru ifa baasuu akkasumas itti gaafatamummaaf gumaachi akka jiraatu mootummaan Itiyoopiyaa waajjira koo fi qorattoota walabaa kanneen biroon Tigraayiin akka seenan daandiin akka saaqamun gaafadha jedhan.

Loltoonni federaalaa kanneen muummicha ministeeraa Abiy Ahimediin bobbaafaman humnoota bulchiinsa duraanii kan TPLFn lolaa turan. Lolli sun utuu hin jalqabin bakka uummanni kuma hedduun gargaarsa midhaan nyaataa eeggataa ture kana keessaa ummati kumaan laka’amu ajjeefamaniiru.

Xiinxalli odeeffannoo duraan argame akka mul’isutti gochi sun seera sadarkaa addunyaa kan cabsuuf, tarii immoo yakka waraanaa fi farra namoomaa ta’uu mala. Ykki kun qaamotii hedduun raawwatamuu mala jedhan Bachelet.

TPLF,tti dabalee humnootiin ittisa biyyoolessaa Itiyoopiyaa, humnootiin Eertraa fi kan naannoo Amaaraa ajjeechaa raawwatame jedhmee fi dararaa quunnamtii saalaa raawwatan jechuun kan shakkaman ta’uu Bacheletti dubbataniiru.

Jalqaba baatii sadaasaa erga waraanni sun jalqabamee naannoo sana akka hin seenne ugguramanii kan turan gaazixeessonni baatii kana biyya gaarreeniin marfamteef uummata miliyoona shan ta’u qabdu gara Tigraayiin dhaqanii jiran.

Malli quunnamtii sirriitti waan hin turreef jaarmoliin gargaarsaa naannoo lolaan raafamaa ture seenuun rakkisaa ture.

Mootummaan Itiyoopiyaa gama isaan duuula ol aantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraay keessatti geggeessame xumuruuf hafee kan jiru karoora lama xumuruuf murannoo kan qabu ta’uu isaa beeksisee jira.

Karoorri kun lamaan, gargaarsi namoomaa dhaqqabuu isaa mirkaneessuu fi naannoo sana deebisanii ijaaruu akkasumas amma iyyuu naannoo sana keessa dammaqinaan yakkamtoota sosso’aa jiran murtiitti dhiyeessuu dha jedhee jira.

Ol aantummaa seeraaf duula geggeessamu dadhabsiisuuf kan akeekame jiddu seeniinsaa fi duula siyaasaa kamiinuu Itiyoopiyaan hin simattu jechuu waajjira muummicha ministeeraa beeksiseera.

XS
SM
MD
LG