Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubartootaa fi Dhukkuba Koviid-19 Irratti Mariin Gaggeeffamee Jira


Tokkummaa Dubartoota Oromoo Kaanaadaa (TDOK)gara walakeessa baatii Guraandhalaatti dhukkuuba Koviid-19 fi Dubartoota kan ilaaleen gama Zumiin woorkshooppii tokko gaggeessee ture.

Dubartoonni sagantaa kana irratti hirmaatan kun biyyoota Awuroopaa, Amerikaa fi Awustraaliyaa irraa ta'u dura teeessuun TDOK Aaddee Beetee Kitilaa ibsanii jiru.

DhukkuubII Koviid-19 jireenya dubartootaa irratti dhiibbaa inni qabaatuu ogeesssoota fayyaa barnoota kennaa kan turan yoo ta'u hubannaan irraa argamuun ibsamee jira.

Ogeessoota fayyaa barnoota kennaa turan lama keessaa tokko kan ta'an Aaddee Yashii Toloosaa akka jedhanti dubartoonni utubaa maatii waan ta'aniif jecha of-eeggannoo guddaa gochuun barbaachisaa ta'u hubachiisan.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaa

Dubartootaa fi Dhukkuba Koviid-19 Irratti Mariin Gaggeeffamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:53 0:00





XS
SM
MD
LG