Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaynamaar Keessa Erga Hokkarri Dhiiga Dhangalaasise Har’a Raawwatamees Hiriirri Itti Fufee Oole 


Mormii Maynamaar keessaa, Bitootessa 3, 2021
Mormii Maynamaar keessaa, Bitootessa 3, 2021

Hiriirtonni mormii kanneen waraana mootummaa fonqolche morman, erga Guraandhala 1 qabee guyyaa dhiigi hedduun itti dhangala’e jechuun tokkummaan mootummootaa ibse kamisa har’aa, hiriira mormii guutummaa biyyattii keessatti itti fufaniiru.

Rooyiters akka jedhetti humnootiin naga eegumsaa dhukaasa banuu dhaan hiriira sana bittimsuuf gaazii imimmaansu hiriirtota magaalaa Yaangoon fi Monyawaa tti darban.

Mormitoonni kun Mandalaay keessatti hiriira kan geggeessan yoo ta’u, magaalaa dhuma sana keessatti hiriira geggeessameen roobii darbe rasaasaan rukutamtee duute sirna awwaalcha barattuu umuriin waggaa 19 Kiyaaliif wal ga’anii jiru.

Erga waraanni Myanmar mootummaa sivilii aangoo irraa fonqolchee hooggantuu biyyattii Aan Saan Suu Shii to’annaa jala oolchee qabee biyyattiin jeeqamaan raafamaa jirti.

XS
SM
MD
LG